Scammers Irraa Of Eeguuf Maal Goona Asii Dubbisaa

 _Of_Eeggannoo _Hattoonni (scammers) karaa Toora Telegiraamii (Telegram) namoota gowwoomsuuf mala adda addaa fayyadamu. Isaan keessaa inni baay'ee (dangerous ) ta'e liinkilee sobaa (phishing links) namatti erguudha.


πŸ‘‰​Liinkilee kanneen irraa of eeguuf, dhimmoota armaan gadii gadi fageenyaan hubachuun murteessaadha:


​1.πŸ‘‰πŸ™ Maloota Hattoonni Liinkii Ittiin Ergan (Gowwoomsaa Beekamoo)

​Badhaasa fi Kennaa Sobaa (Giveaways & Lotteries): "Badhaasa kanaan dura hin argamne mootee jirta jechuun, liinkii kana cuqaasii ergaa kee fudhadhu" kan jedhu. Fakkeenyaaf: Badhaasa Ethio Telecom, Baankotaa, ykn dhaabbata beekamaa tokkoof fakkeessanii hojjetu.

​Akkaawuntii Keetti Deebi'i (Account Verification): "Akkaawuntiin kee parsaanalii ta'e cufamuufi, dafii liinkii kanaan seenii mirkaneessi" jedhanii si sabaqu.

πŸ‘‰​Carraa Hojii fi Qarshii Salphaa: "Liinkii kana banuun vidiyoo ilaali ykn "like" godhi, guyyaatti qarshii hangana argadhu" jechuun namoota maallaqa barbaadan kiyyeessu.

​Bot-oota fi Giddu-galtoota Sobaa: Bot Telegiraamii kan hojii sirrii hojjetu fakkatan lafa kaa'anii, booda irratti garuu liinkii miidhaa geessisu siif ergu.


​2. πŸ™πŸ‘‰Miidhaa Liinkii Sana Cuqaasuun Fiduu Danda'u

​Yoo liinkii sana cuqaasite ykn bante, miidhaawwan armaan gadii si muudachuu danda'u:

πŸ‘‰​Hacking (Akkaawuntii Saamamuu): Liinkichi gara fuula sobaa (Fake Page) Telegiraamii fakkatuatti si geessa. Lakkoofsa bilbilaa fi koodii isaan siif ergan yoo galchite, battalumatti akkaawuntii kee dhuunfatu.

​Maallaqa Saamamuu: Telegiraamii kee qofa osoo hin taane, liinkii kanaan koodii baankii mobaayila kee keessaa (mobile banking) hatuun herrega kee onleessuu danda'u.

Vaayirasii fi Malware: Mobaayilli ykn kompiyutarri kee vaayirasiin akka faalamu gochuun, iccitii kee hunda fuudhee(data) isaaniitti gurguru.

​3. πŸ™πŸ‘‰Of Eeggannoo Fi Maloota Ittiin Of Baraaran

πŸ‘‰​Hattoota kanaan akka hin gowwoomneef tartiiba kanaan of eeggannoo godhi:


πŸ‘‰​A. Ergaa fi Liinkii Dhufan Sakatta'i

​Eenyu akka siif erge ilaali: Namni ati hin beekne, ykn beektee iyyuu kan kanaan dura haala kanaan ergaa siif ergee hin beekne yoo siif erge hin amanin.


​Maqaa Liinkichaa (URL) Hubadhu:


πŸ‘‰ Hattoonni maqaa dhaabbilee beekamoo xiqqoo jijjiiru. Fakkeenyaaf, t.me osoo ta'uu qabuu t-me.com, ykn telegram.org osoo ta'uu qabuu telegrams-up.com godhanii barreessu. Letariin takkallee yoo garagarummaa qabaatte hin cuqaasin!

​B. Iccitii Keessoo Eeggi


​Koodii Mirkaneessaa (Verification Code): Telegiraamnis ta'e baankiin koodii iccitii (OTP) liinkii kanaan si hin gaafatan. Koodii sitti dhufe eenyuufiyyuu hin laatin.

​Lama-Duubbee Mirkaneessii (Two-Step Verification): Telegiraamii kee keessatti gara Settings -> Privacy and Security -> πŸ‘‰Two-Step Verification deemuun parswordii dabalataa cufadhu. Kun yoo koodii kee hatanillee akkaawuntii kee banuu akka hin dandeenye isaan dhorka.


​C. Tarkaanfii Battalaa


πŸ‘‰​Report & Block Godhi: Liinkii shakkisiisaa namni siif erge battalumatti Block godhi, akkasumas Telegiraamiif Report godhi.

​Ergaa utuu hin mirkaneeffatin Namaaf Hin Ergin: "Nama 20f ergi" kan jedhu kiyyoo waan ta'ef, hiriyoota keetiif forward gochuun isaanis kiyyootti hin galchin.


​πŸ“― Gorsa Gabaabaa: 


Bilisaan maallaqni ykn badhaasni argamu hin jiru. Toora Telegiraamii irratti liinkii "Liinkii kana cuqaasi" jedhu yeroo argitu hunda, jalqaba irratti shakkii horachuun tarkaanfii duraa ta'uu qaba!


Barnoota dabalataa argachuuf nu hordofaa


https://t.me/JammeTechnology


Comments

Popular posts from this blog

Networking Protocols

Questions

Hiikkaa Sooftiweerii