USB FLASH DRIVE

               USB_Flash_Drive


#_USB Flash Drive meeshaa gosa 'non-volatile' ta'e, odeeffannoo yeroo dheeraaf qabachuu danda'uudha. Odeeffannoon gara meeshichaatti gadi-buufame (copied) 'flash memory' keessatti kuufama.

✍️USB Flash Drive tokko yeroo murtaa'eef qofa barreessuu fi haquu danda'a (yeroo 10,000 hanga 100,000). Haa ta'u malee, odeeffannoon drive-icha irratti yeroo dhaabbataa ta'een kuufame yeroo meeqa barbaadanis dubbifachuu ni danda'ama.

✍️Meeshaan USB flash kun kan xixiqqaa, salphaatti qabatamuufi kompiitara USB connector qabu kamirra iyyuu itti fayyadamuu kan danda'udha.


        🌎Design (Qabiyyee)


#Gosti idilee isaa boca 'oblong' (dheerina qabu) ta'eefi USB connector- kan eegu haguuggii (cover) ofirraa qaba. Kana malees, karaa USB drive- irratti pin-code galchuu, quba-qajeelfannaa (fingerprint verification) fi mala eegumsa odeeffannoo biroo fayyadamuu ni danda'ama.

 🙏Dheerina:3-5 cm.

 🙏Ulfaatina:60g hamma ta'u.

🙏Kutannoolee (Components)


 1. USB plug:Flash drive-icha meeshaa USB dubbisu (USB reader) waliin wal-qabsiisuuf gargaara.

 2. Microcontroller: Chip odeeffannoo dabarsuufi flash memory-icha to'atuudha.

 3. Flash memory chip: Chip gosa NAND ta'e, odeeffannoo kuusuuf itti gaafatamudha.

 4.Additional memory chip: Memory dabalataa.

 5. Crystal oscillator: Controller-ichafi flash memory-ichi sirriitti akka hojjetaniif, yeroo (frequency) barbaachisu uumuuf gargaara. Yoo meeshaan kun miidhame, flash drive-ichi "unknown device" jedhamee beekama.

Barnoota dabalataa argachuuf nu hordofaa 

#Yaada_Yoo qabaattan comment🙏


Comments

Popular posts from this blog

Networking Protocols

Questions

Hiikkaa Sooftiweerii