USB_Flash_Drive #_USB Flash Drive meeshaa gosa 'non-volatile' ta'e, odeeffannoo yeroo dheeraaf qabachuu danda'uudha. Odeeffannoon gara meeshichaatti gadi-buufame (copied) 'flash memory' keessatti kuufama. ✍️USB Flash Drive tokko yeroo murtaa'eef qofa barreessuu fi haquu danda'a (yeroo 10,000 hanga 100,000). Haa ta'u malee, odeeffannoon drive-icha irratti yeroo dhaabbataa ta'een kuufame yeroo meeqa barbaadanis dubbifachuu ni danda'ama. ✍️Meeshaan USB flash kun kan xixiqqaa, salphaatti qabatamuufi kompiitara USB connector qabu kamirra iyyuu itti fayyadamuu kan danda'udha. πDesign (Qabiyyee) #Gosti idilee isaa boca 'oblong' (dheerina qabu) ta'eefi USB connector- kan eegu haguuggii (cover) ofirraa qaba. Kana malees, karaa USB drive- irratti pin-code galchuu, quba-qajeelfannaa (fingerprint verification) fi mala eegumsa odeeffannoo biroo fayyadamuu ni danda'ama. πDheerina:3-5 cm. πUlfaatina:60g h...